Mark 7:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, “Wonni inni tolchu marti dansa'a!; worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha” jedhane
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo mame waan jed'e, Inni waan ch'ufa yayu aka dansa tolche! Nama gurri duudele ind'ageesiisa, ka afaani duudanile indubbachiisa jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan kana dhaga'e cuftii guddoo mamee, “Innii waan cufa akka dansaa tolche, nama gurrii duudeellee indhageesisa, ka afaan duudanillee indubbachiisa” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu godha!» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu hin godha» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri dhagayan marri'llee haalaan maalalffachu'uun, «Waan maraa haala misha'aan ni taasise! Duuddonni akka dhagayaniif, worri dubbachu'uuf hin dandeenne akka dubbatan ni taasisa!» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.