Mark 7:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle yo gabaya galanile ufi qulqulleesani male sagale inyaatani; ammalle aada d'ibi hedduti jira, ta worri qabu, ta aka d'iqaansa mudunutiifi okote, eele, sire.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee yo gabaa galaniillee ufi qulqulleessan malee sagalee hin nyaatan; ammallee aadaa dhibii hedduutti ta warrii qabu jira, ta akka dhiqaansa muduunuu, okkotee, eelee fi siree.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gabaya'aa yoo deebi'an uduu uf hin qulqulleessin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaan kobbee, ottee, qorii, waan akka sibiila irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gabaya'aa yoo deebi'an uduu ufi hin qulqulleesin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaanillee kobbee, ottee, qorii waan akka sibiilaa irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan gaba'aa yeroo deebi'antti miicatan malee hin nyaatan turan, waaccaa, ottee, meeshaawwan sibiila diima'aatii fi siree, akka miicu'uu ka jiru, ka bira'aa'llee aadaa baayi'ee ni eeggatan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.