Mark 7:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, “Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?” jedhanee Yesuus gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Farisayoofi jari Seera beekhu isa gaafatani waan jed'ani, Jari kanke maafi aada jaarole gula iyaane, harka t'urichaani sagale nyaatani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf Fariisotaa fi jarii seera beekuu, “Jarii kee maaf aadaa jaarolee gula hin yaanee, harka xuriitiin sagalee nyaata?” jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tee maaf akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisanii harka xuri'iitiin hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tantee akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisaanii harka xuri'iitiin maaf hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Farisonnii fi barsiisonni seeraa, «Barattoonni kee aadaa jaarsotaa dabrru'uun, waayee maali'iif uduu harka isaanii hin miicatin buddeena nyaatan?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane.