Mark 7:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‘Kolbaan tun afaaniin ana ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Isani kiyyibdoole, Isayani ka waan keesani fage, d'uga dubbate waan jed'e, Gumiini tuni afaani ufitiini na guddifti, ammo garaani worraa nara fago jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii deebisee, “Isan kijibdoolee, Isaayaas ka waan keessan himee, dhugaa dubbate, ‘Gumiin tun afaan ufiitiin na ulfeesiti, garaan warraa ammoo naraa fagoo jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajja; garaan isaanii na irraa fago'o.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajjan, garaan isaanii narraa fago'o.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin fakkeessitoota nana! Isaayaas waayee keessan, ‹ummanni kun afaanuma qofaan ana kabaja malee, onnee isaatiin ana irraa ka fagaatee!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo.