Mark 8:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayooni d'ufte, Yesoni woi mormite, akheekha gubba isa iraa barbaade aka isa ilaalattu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisotii dhuftee, Yesusiin wa mormitee, laallachuuf, akka innii akeeka Waaqaa gubbaa isaan garsiisu isa gaafatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isa irraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isarraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fariisonni gara Yesusii dhufaniiti isaan woliin mormmuu jala ni qaban, isa qormaatuuf'llee yaadanii sami'ii maalalee tokko akka isaanitti muldhisuuf, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane.