Mark 8:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Kolbaan tun guyyaa sadiin ana woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin oo'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gumi tanaa naha, waan isiini guyya sadi na woliini oolte, ammalle amma waan nyaattu inqamneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin gumii tanaa naha, waan isiin guyyaa sadii na waliin oolteef, ammallee waan isiin waan nyaattu hinqamneef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif; waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoonni kunniin kunoo, ana woliin guyyaa sadihii turanii jiran, waan nyaatan womaa waan hin qabnneef, isaanii ni naya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya.