Mark 8:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti aansee, “Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?” jedhee gaafate. Isaanille, “Torba” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle gaafa anini qit'a torba ch'ach'abse nama kunki afuri nyaachise, isani hamba dadu hagami guurtani? Worri! Torba jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammallee gaafa anin qixxaa torba caccabsee nama kuma afurii nyaachise, isan hambaa daduu hagam guurtan?” Jedheen. Warrii, “Torba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus itti aansee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe masoobii hagam guutuu kaaftan?» Isaanillee, «Torba» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus itti aansee, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe Gindoo hagam guutuu kaaftan?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Torba» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana buddeenna torbban namoota kuma afuriif yeroo kennetti, hanbbaa isaa ginddoo meeqa guutuu kaafttan jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Ginddoo torba guutuu» ni jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen.