Mark 8:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, “Namooti eennu anaan jedhan?” jedhee isaan gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni jara ufi woliini ollowaani lafa Kaisaria Filipi jed'ani d'ufe. Kara keesati inni jara ufi gaafate waan jed'e, Biyyiti eennu naani jetti? jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jara ufii waliin ollowwaan lafa Qiisaariyaa Filiphos jedhan dhaqe. Karaatti jara ufii, “Biyyitii eennu naan jetti?” jedhe gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qisaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qeesaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi barattoonni isaa gara gandoota konyaa Filiphos Qiisaariyaa jedhamu jiranii ni qajeelan, karaa irra uduu jiran'llee Yesus, «Namoonni anaan eennu jedhan?» jechu'uun, barattoota isaa ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.