Mark 8:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Isin hoo, eennu anaan jettan?” jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, “Ati Kiristoos” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni worra gaafate waan jed'e, Isani ufi eennu naani jettani? Petroni waan jed'eeni, Atini Kristo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii warra gaafatee, “Isan ufii eennu naan jettan?” jedhe. Jennaan Phexros, “Atin Kiristoos” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin hoo anaan eennu naan jettan?» jedhee, isaan ni gaafate. Phexiros'llee, «Ati Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.