Mark 8:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota qaallotaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhee barattoota ifii barsiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni worra barsiise waan jed'e, Ilmi Nama guddo gaargalu male, jaarolefi qaalole gugurdofi jari Seera beekhuleeni isa mormachu male. Isa ijeesani, ammo inni guyya sadeeso inkaa jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii warra barsiisee, “Ilmii namaa guddoo gaargaluu male, jaaroleen, qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuulleen tuffatamee, ijjeeffamee, ammoo guyyaa sadeessoo du'a in ka'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee barattoota isaa akkana jechu'uun isaan barsiisuu jala ni qabe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaa ni mala, jaarsotaan, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadihiin duubatti ni ka'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise.