Mark 8:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, “Eennulle ana hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, ana hordofuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni jara ufi wolti yaame waan worraani jed'e, Yo nami na gula deemu fed'e, ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus jara ufii walti yaamee warraan, “Namii yo na gula deemuu fedhee, ha ufi mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faanaa haa deemuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faana haa deemuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus ummata barattoota isaa woliin waamee akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofuu ka barbaadu yoo jiraate mataa ufii haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti.