Mark 8:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami tokoleeni anaafi dubbi tiyya dide, d'aloota hama Waaqa didu kana keesati, Ilmi Namaleeni isa indida, gaafa inni guddinna Abba ufitiini d'ufu, malaika qulqullo woliini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama dhaloota hamaa Waaqaa didu cubbichaa kana keessatti naa fi dubbii tiyyaallee didee, ilmii namaa gaafa ulfinna Abbaa ufitiin ergamtoota qulqulloo waliin dhufee isaallee hindida” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa hennaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin dhufu isatti saalfata» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti, naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin hennaa dhufu isatti saalfata» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhaloota ganttichaa fi cubbamaa kana duranatti, ka anaa fi dubbii kiyyatti'llee saalfatu marattuu, ani'llee Ilmi Namaa ulfinna Abbaa kiyyaatiin maleyikkoota isaa Qulquluuwwan woliin yeroo dhufutti, isatti ni saalfadha» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.