Mark 8:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri qurt'umi didiqo toko qaba. Yesoni eebimnaani, jara isatiini, Tanale biyyaa kenna jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii qurxummii didiqqoo tokko qaba; jennaan Yesus sullee eebbisee jara isaatiin “Biyyaa kennaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galatoonfatee akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galateeffatee, akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qurxummiiwwan didiqqoo muraasa'llee ni qaban turan, waayee qurxummiiwwaniitiif'llee Waaqa eega galateeffateen duubatti, ummataaf akka dhiyeessan barattoota isaa ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime.