Mark 9:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti dabalee, “Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami gari ka arma jiru induu, haga Finna Waaqa ka humnaani d'ufu arguuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee innii warraan, “Dhugumaa dhugatiin, isanitti himaa, nama arma ejaaju kana keessa namaa adoo hindonee, Mootumaa Waaqaa ta humnaan dhuftu arguutti jira” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu namoota as dhaabatan kanniin keessaa uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; namoota as dhaabatan kanniin keessaa, jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus, «Dhugamaan isiniin jedha, worra amma asi jiran keessaa tokko tokko, Mootummaan Waaqaa huminna ol aana'aan yoo dhufittu haga arganitti, ka hin duune ni jiran» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe.