Mark 9:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Akka waan mara midhaassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreefante ho ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Eliyaani d'uguma qara d'ufa aka waan ch'ufa mid'aasu. Ammo t'aafi keesati maafi Ilma Nama tuffatani guddo gaargalchu malani jed'ani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Ee'ee dhugumaa qaraa Eliyaasiitti akka waan cufaa midhaasu dhufa. Hataatuu malee barreessii keessatti maaf, ‘Ilma namaa tuffatanii guddoo gaargalchuu malan’ jedhan ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedhee isaanii deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haa ta'uu ammo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhuga'a, Eliyaas durssee ni dhufa, waan maraa ni sirreessa, haa ta'u malee, Ilmi Namaa rakkinna ulffaataa akka fudhatuu fi akka tuffatamu ka barreeffame, attamitti?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Akka waan mara miidhassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreeffante ho ree?