Mark 9:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla jara ufi kaani geennaani, Yesofi jari sadeenu gumi guddo ta worra marsitu argani, ammalle jara Seera beekhu wolmormani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesusii fi jarii isaa sadii waliin dhufee fulaa jara warraa kaan geennaan, gumii guddoo warra marsitu ammallee jara seera beeku ka taa'ee warraan walmorman arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Yesuusii fi darasoonni sadiin gara darasoota kaawwanii dhufan gumiin guddaan isaan marsanii barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusii fi darasoonni sadiin, gara darasoota kaawwanii hennaa dhufan, gumiin guddaan isaan marsanii, barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gara barattoota hafanii deebi'anii yeroo dhufanitti, namoonni baayi'een naannaya isaanii titti woligayanii ni argan, barsiisonni seeraa'llee barattoota isaa woliin wol ni mormman ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane.