Mark 9:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isa qabattu ch'ufa lafaani d'oofte, homachi afaani yae, inni ilkaani qare gogoga. Anini jara kanke aka keesaa baasani kad'ad'e, ammo worri indad'abe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo isa qabattu cufa lafaan dhoofteetti, hoomachii afaanii yaa'ee, ilkaan qaree goggoga. Anin akka keessaa baasan jara keellee kadhadhee, jarii ammoo keessaa baasuu dadhabe” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture isaan ammo baasuu hin dandeenne» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture, isaan ammoo baasuu hin dandeenne» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo itti ka'utti ni kuffisaan, afaan isaatiin'llee hoomcha dafiqqa'aa ilkaan isaa'llee wolitti ni qara, qaaminni isaa'llee gogee akka reeffaa ni ta'a, hafuura battii'llee akka baasaniif barattoota kee gaafadhee ture, isaan garuu hin dandeenne» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.