Mark 9:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajachiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gurba isatiini d'ufani. Jinniini Yeso arginaani hojuma suni gurba hahargufte, inni lafa d'ae, gangalate, hoomachi afaani yae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gurbaa isattiin dhufan. Jinniin Yesus arginaan yoma sun gurbaa haharguftee, gurbaan lafa dha'ee, gangalatee, hoomachii afaanii yaa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee mucaa gara isaa ni fidaniin, hafuurri battiin'llee Yesusiin yeroo argetti, bakkumatti mucaa kuffisee ni wixxifachiiseen, mucaan'llee lafa irra gangalata'aa hoomacha dafiqquu jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.