Mark 9:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Haga yoomiitii as akkana te'a?” jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, “Ijoolluma'aan jalqabee ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni abba isatiini waan jed'e, Ganna hagami akana tahe? Inni waan jed'eeni, Haguma ijoolluma isaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus abbaa isaatiin, “Haga akkana ta'ee ganna hagam?” jedhe. Innii, “Ijoollummaa isatii jala qabee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijjoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee abbaa muca'aatiin, «Dhukubbinni kun haga jala qabeenii hagam turee jira?» jechu'uun, ni gaafateen. Abbaan'llee akkana ni jedhe, «Daai'mummaa isaa irraa jala qabeeti jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te'a?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, «Ijoolluma'aan jalqabee ti.