Mark 9:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san abbaan muca'aa, “Ani dhugeeffanaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni abbaani gurbaa iye waan jed'e, D'ugefacha inqaba, yo ingeennele, na qarqaari.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun abbaan gurbaa iyyee, “Dhugeeffachaa inqaba, yo hingeenneellee, na qarqaar” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haa ta'uu ammo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haata'uu ammoo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakkumatti abbaan muca'aa, «Amanuu ammoo ni amana, garuu waan ani amanuu dadhabe maraanuu ati ana gargaar!» jedhee, ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san abbaan muca'aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.