Mark 9:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, “Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in” jedhee isa xixe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni aka gumiini wolti oritu arginaani, jinniini lole waan jed'eeni, Jinni duuda, isa keesaa bahi, iti indeebiini jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus akka gumiin ori'aa dachaatu arginaan, jinniin lolee, “Jinnii duudaa, afaanii gurra hinqamne, isa keessaa ba'i! Deebitee itti hindeebin!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee, ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee ummanni asii fi achi jedha'aa yoo bayan ni arge, hafuura batti'iin'llee, «Ati duuda'aa fi ka gurraan akka hin dhageenne taasfittu, mucaa keessaa akka baatu gara isaa'llee deebitee akka hin aseenneef, si ni ajaja!» jedhee, itti ni baanate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in» jedhee isa xixe.