Mark 9:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, “Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?” jedhanee qofitti isa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Yesoni gale, jari isaa kobati isa gaafate, Nu maafi jinni isa keesaa baasu dad'amne? jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegee Yesus manaatti galee jennaan jarii isaa kophaatti, “Nu maaf jinnii hamtuu sun baasuu dadhabne” jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus haga mana seeneen maayii darasoonni isaa, «Nu maaf ayyaana battii san baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus haga mana seeneen maayii, darasoonni isaa, «Nu ayyaana battii san maaf baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee gara manaa yeroo aseenetti barattoonni isaa, «Haa ta'u malee hafuura battii kana nu'u waayee maali'iitiif baasuunii dadhabinne?» jedhanii, addatti ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane.