Mark 9:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ammoo deebisee, “Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Ta akana tana kad'acha male dandaani imbaasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii itti himee, “Ta akkanaa tana kadhachaa fi agabuu malee dandaanii hinbaasan” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo deebisee, «Ka akkanaa kun Rabbiin kadhachu'uu fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u!» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun faate'ee fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Ka akkanaa kun kadhanna'aa fi [soomaan] yoo ta'e malee, ka bira'aa kamiinuu hin bayu» jechu'uun, isaanii ni deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.