Mark 9:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, “Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Achi kanaani Galilaya keesaa yaani. Inni aka nami fulla inni jiru beekhu infeene.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achii kanaan Galiilaa keessa yaa'an. Yesus akka namii tokkolleen fulaa innii jiru beeku hinfeene
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan. Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi barattoonni isaa'llee bakka san dhiisanii gara Galiilaatiin ni deeman, bakka inni jiru'llee naminni kami'llee akka beeku, Yesus hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbaanne.
Recommended Reading