Mark 9:31 — Compare Translations
4 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi inni jara ufi barsiisu jira. Inni waan worraani jed'e, Ilma Nama harka namati kennani ijeesani. Eegi due inni guyya sadeeso inkaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii, “Ilma namaa harka namaatti dabarsaan kennanii, namiilleen inijjeesa, innii ammoo du'ee guyyaa sadeessoo inka'a” jedhee jara ufii barsiisuutti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'e Yesus barattoota isaatiin, «Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama, isaan'llee ni ajjeesaniin, eega ajjeefameen duubatti garuu, guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a» jedha'aa, isaan barsiisa waan tureef.