Mark 9:41 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nama, waan isani nama Kristo taataniifi, bisaani isani obaasu, galata ufi inuma argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugumaa waan anin isaanitti himu, namii waan isan nama Kiristoossii taataniif, bisaan isan obaasuu, galata ufii hinuma argata.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan isiniin jedha ka Kiristoosii waan taataniif ka maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii isin obaasu gatii qaba» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugamaan isiniin jedha, ka Kiristoosii waan taataniif, maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii ka isin obaasu gatii qaba» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaan isiniin jedha, ka Kristosii waan taataniif maqaa kiyyaan bishaanuma kubbaayyaa tokkootuu ka isaan obaasu, gatii isaa hin dhabu» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba.