Mark 9:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ijoolle didiqo tana ta na d'ugefattu guufachiisu, sila dansa yo d'akha daakhu morma isati hid'ani, galaana keesa buusani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Namii ijoollee didiqqoo tana ta na dhugeeffattu gufachiisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, galaana keessa buusan irra dansaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa dhagaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xiillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naminni kumi'llee worra natti amanan maandhota kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu darbamee isaa woyya ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya.