Mark 9:43 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo harki kanke si wollaalchise ufira kuti, gati! Yo atini naafatte jireenna seente ira sii jirti, fulla harka lamaaniini naarti keesa buutu, fulla ibidi ind'aamne. [
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo harkii kee si wallaalchise ufirraa kutii, gati! Fulaa harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda haga jiru hindhaamneetti galtuu, yo naafattee harka tokkoon jireenna barabaraa seente irra sii jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu, uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf harki kee cubbuu akka hojjattuuf yoo si dogoggorsse muriitii gatiin! Harka lamaan uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti darbamuu irra, duundumaa taate gara jireennaa titti galuu si woyya. [
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [