Mark 9:50 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sooddi dansa, ammo sooddileeni, yo kuraa d'abe, maaliini kurefatani? Soodda ufi keesati horad'a, nagayaani woliini taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sooddii dansaa, ammoo yo innii kura dhabe, maaliin deebichaanii kureessitan ree? Soodda ufii keessatti horaadhaa, nagaan waliin taa'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammo yoo kuraawummaa uf keessaa dhabe maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu; nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammoo kuraawummaa yoo uf keessaa dhabe, maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu. Nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Soqiddi misha'a, haa ta'u malee mi'aa soqiddumma'aa yoo dhabe, maali'iin mi'eessitaniin? «Isin keessa'llee jaalalli mi'aa akka soqiddaa haa jiraatu, ufii keessan wolii gala'aatii nagayaan jiraadhaa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? «Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe.