Mark 9:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qonqoon, “Kun ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dumansi d'ufe, worrati gaadiseese, qonqooni dumansa suni keesaa baate waan jette, Kunini Ilma kiyya tokocha, isa ch'aqasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duumansii dhufee, warratti gaadiseessee, qoonqoon duumanssa sun keessaa baatee, “Kunin ilma kiyya tokkochaa anin jaaladhuu, isa caqasaa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Duumessi'llee dhufee isaan ni golge, duumessa keessan'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana! Isa dhageeffadhaa!» qooniqqi jedhu, ni dhagayame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!» jette.