Mark 9:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, “Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee barattoota ifii seere.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri gaara iraa gadibuu, inni worra d'owe waan jed'e, Nama tokoleti waan argitani kana inhimina, haga Ilmi Nama duisa keesaa kauti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo warrii gaara irraa gadi bu'uu jiruu Yesus, “Waan argitan kana haga anin ilmii namaa du'a keessaa ka'uutti nama tokkolleetti hinhiminaa” jedhe warratti seere.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Haga Ilmi namaa du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gaara irraa yoo bu'anitti'llee Yesus, «Ilmi Namaa haga du'aa ka'utti, waan amma argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, isaan ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii seere.