Matthew 1:20 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, “Yoseefii sanyii Daawwitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni waan kana heregu, malaikaani Aabbo oobjuuni isati mullatte waan jetteeni, Yusufu, ilma Daudi, Mariamu fuud'u insodaatini. Garaachi isiini qabdu kunini ka Lubbu Qulqulloti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhatee akkana jedheen, «Yooseef Ilma Daawitii! qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhateeti akkana isaan jedhe, «Yooseef Ilma Daawitii, qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.