Matthew 10:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami suni dansa tahe, nageenni keesani ha iti d'ufu; ammo yo nami suni isani jalaa dide, nageenni keesani ha isaniti deebiu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii sun dansaa ta'e, nageennii keessan ha itti dhufuu; ammoo yo namii sun isan jalaa dide, nageennii keessan ha isanitti deebi'uu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo abbaan manaa nagaya keessan isin irraa fudhate nageenni keessan isaanii haa ta'u; yoo fudhachuu baatan ammo nageenni keessan isinii haa deebi'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan manaa nagaya keessan yoo isinirraa fudhate, nageenni keessan isaanii haa ta'u, yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii haa deebi'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
manni nagaya keessaniif ka male yoo ta'e, nageenni keessan isa haa gayuun, ka hin male yoo ta'e garuu, nageenni keessan isiniif haa deebi'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u.