Matthew 10:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami isani imfud'anne, yokhaani dubbi teesani inch'aqamne, hojja mana suni yokhaani dira suni keesaa yaatani, awaara miila keesani ira d'ad'aad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii isan hinfuudhanne, yokaan dubbii teessan hincaqamne, yo mana sun yokaan dira sun keessaa yaatan, awwaara miila keessan irraa dhadhaadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka isin hin simannee fi ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate mana sanii yookaan qachaa sanii yoo baatan daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka isin hin simanneef ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate, mana sanii yookiin qachaa sanii yoo baatan, daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kumi'llee yoo ufitti isin fudhachuu dhabe yookiin dubbii keessan ka hin dhageenne yoo ta'e, mana san yookiin magaalaa san dhiifittanii yoo baatan, awwaara miila keessan dhadhawadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a.