Matthew 10:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama eegad'a; isani qabani kora isani geesani; ammalle Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati isani d'aanani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama eegadhaa! Isan qabanii koraatti isan geessan; ammallee manneen waldeennaa keessatti isan dhaanan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni ammo gara gumi'ii dabarsanii isin kennan; manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif namoota irraa uf eegaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, gara Gumi'ii dabarsanii isin kennan. Manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif, namoota irraa uf eegaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni gara yaa'ii murtii dabarsanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan, kanaaf namoota irraa ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan.