Matthew 10:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka “Pheexroos” jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obbolessa isaa Yohaannis;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maqaani ergattu kud'ani lamaani kana: ka qara, Simoni ka Petro jed'aniifi oboleesa isaa Andarea; Yakobofi oboleesa isaa Yohana, ilmaani Zebedayo;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maqaan ergamtoota kudhanii lamaanii armaan jala jira, ka qaraa, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas; Yaaqoobii fi obbooleessa isaa Yoh. aannis, ilmaan Zabdewos;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa Simoonii «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tarreen maqaa barattoota kudha lamaanii'llee akka itti aanee jiru, jalqaba Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, ijoolleen Zabdiyoosii Yaaqoobii fi Yohaannis,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;