Matthew 10:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleesi oboleesa ufi duati geesa; abbaani ilma ufi akasuma tolcha; ijoolleleeni abbootifi haad'a ufi akasuma tolchiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
obbooleessii obbooleessa ufii du'atti geessa; abbaan ilma ufii akkasuma tolcha; ijoolleelleen abbootii fi haawwan ufii akkasuma tolchiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufiititti akka diinaatitti ka'an, hin ajjeesanille'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni obboleessa mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, akkuma kana abbaan ilma mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irratti diinumma'aan ni ka'an, du'aaf'llee dabarsanii isaan ni kennan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e.