Matthew 10:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini dukana keesati isaniti himu ifsa keesati dubbad'a; ammalle waan hasasani ka d'ageettani fiit'e mana gubbati lalaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan anin dukkana keessatti isanitti himu ibsee keessatti dubbadhaa; ammallee waan hasaasan ka dhageettan fiixee manaa gubbatti lallabaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a.