Matthew 10:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama nafa ijeese ammo lubbu woma tolchu indandeenne insodaatiina; ammo nama nafafi lubbu ibida keesa buusu dandau sodaad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama nafa ijjeesee lubbuu ammoo homaa tolchuu hindandeenne hinsodaatinaa nama ammoo nafaa fi lubbuu ibidda keessa buusuu danda'u sodaadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra foon namaa ajjeesee lubbuu ammo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a; Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a.