Matthew 10:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami lubbu ufi qorqorachu fed'u ind'aba; ammo nami lubbu ufi naa jed'e balleesu inargata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii lubbuu ufii qorqorachuu fedhu hindhaba; namii ammoo lubbuu ufii naa jedhee, balleessu inargata” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata; ka anaaf jedhee lubbuu ufii balleeffatu ammo hin argata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni balleessaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun marrinuu garuu, ni fayyisaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.