Matthew 10:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanaawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hubad'a, nami, maro inni na gula deemuufi ijoolle didiqo tana toko bisaani guraachale obaase, galata ufi ind'abu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hubadhaa, namii marroo innii na gula deemuuf ijoollee didiqqoo tana tokko bisaan gurraachaallee obaasee, galata ufii hindhabu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee worra gad aanaa kanniin keessaa waan inni darasaa kiyya ta'eef bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata» jedhe.