Matthew 10:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeefama asii gad jirulle itti kennee, “Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara kud'ani lamaani kana Yesoni erge waan jed'eeni, Lafa gosa d'ibi yokhaani dira gosa Samaria inseeniina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jara kudhanii lamaan kana Yesus ergee, “Lafa gosa dhibii yokaan dira gosa Samaariyaa hinseeninaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a; yookaan qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus ergamittoota kudha lamaan kanniin ni erge, akkana'llee jedhee isaan ni ajaje, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin dhaqinaa, gara magaalaa worra Saamraawotaa'llee hin aseeninaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeelfama asii gad jirulle itti kennee, «Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a.