Matthew 10:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama dhukkuba qabu fayyisaa, ka du'eellee kaassaa, ka qomaaxaa qabuullee fayyisaa, jinniillee nama keessaa baasaa. Gatii malee isanii kennaanii isaniilleen gatii malee namaa kennaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhibamtootallee fayyisaa'a; worra du'an kaasaa'a; worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a; Jinnii baasaa'a; waan tola fudhattan toluma kennaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhibamtootallee fayyisaa'a, worra du'an kaasaa'a, worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a. Jinnii baasaa'a, waan tola fudhattan tolumaan kennaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a.