Matthew 11:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami garaa nad'eeni keesaa bue tokoleeni ka Yohana nama batisu ira jiru injiru. Ammo nami Finna gubba ch'ufa keesa ira maand'a isa ira jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Dhugumaan isaniin jedhaa, namii garaa nadheenii keessaa bu'e tokkoolleen ka Yoh. aannisii nama cuuphuu irra jiru hinjiru. Ammoo namii mootummaa gubbaa keessaa nama cufa irra diqqaa isa irra jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa diqqa'aatitu isa caala.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa gadiititu isa caala.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaan isiniin jedha, namoota dubarttoonni dayan jiddu'uu, Yohaannisii chuuphaa ka caalu hin muldhanne. Garuu Mootummaa Sami'ii titti, ka isa irra diqqa'aatutu isa caala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala.