Matthew 11:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‘Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti’ jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmi Nama nyaate d'ugu d'ufe, ammo waan jed'ani, Kunini sabdifi nama farso d'ugu, jaala nama, damoosa guurufi nama daba. Tatule, qalbi Waaqa d'uga, waan isiini tolchituuni beekhani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ilmii namaa nyaatee dhuguu dhufe, waan jedhan ammoo ‘Kunin sabdii fi nama farsoo dhugu, jaala nama qaraxa guuruutii fi warra cubboolleetti jedhan’ taatullee qalbii Waaqaa dhugaa, waan isiin tolchituun beekan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaati› jedhaniin. Haa ta'uu ammo Ogummaan Rabbii hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ilmi Namaa ammoo nyaata'aatii fi dhuga'aa dhufinnaan, ‹kunoo, kun ammoo nyaataa fi dhugaatii ka jaalatu! Waahela qaraacotaatii fi cubbamoota'llee!› jedhaniin. Sirrii ta'uun ogumma'aa garuu, hujii isi'iitiin ni mirkanaaya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe.