Matthew 11:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keti, Korazini! Gaargala keti, Bethsaida! Ato sila waan mama ta isani keesati tolchani Tirofi Sidoni keesati duri tolchani, worri arra kale ch'arqi naqate, daara dibate, daba ufi inhimatiini!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Sii wayya ya Koraazi! sii wayya ya Betsayidaa! adoo silaa waan mamaa ta isan keessatti tolchan Xiiroosii fi Sidoon keessatti durii tolchanii, warrii ardhaakalee bututtuu naqatee daaraa dibatee, cubbuu ufii inhimatin!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa'a! si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame uduu Xiroosii fi Siidonaa keessatti godhamee jiraatee baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Si'ii uunsha'a Koraazii! Si'ii uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, magaalota Xiiroos fi Sidoonaa titti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi jiraatan turan uffata gaddaa uffataniitii fi daaraa ufi irratti firfirssanii duraan, gara Waaqaa ni deebi'an turan!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu.