Matthew 11:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san Yesuus, “Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti waan mudhitteef ani si galatoonfadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja suni Yesoni waan jed'e, Anini galata sii deebisa, Ee Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana worra qalbi qabuufi worra wo barate d'ossite ijoolle didiqoti mullifteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo sun Yesus, ‘Anin galata sii deebisa, ee'ee aabboo, abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qalbii qabuu fi warra wa barate dhossitee ijoollee didiqqootti mullifteef.’ ”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, «Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa! waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti mudhifteef si galatoonfadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhositee worra waa hin beekinnee waan ibisiteef, si galateeffadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Yesuus, «Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti waan mudhitteef ani si galateeffadha.