Matthew 11:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan kiyya waan mara dabarse anatti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon waan cufaa ya harka kiyyatti kenne; abbaa malee namii ilma beeku hinjiruammallee ilmaa fi nama innii itti mullisuu fedhu malee namii abbaa beeku hinjiru” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan kiyya waan maraa naaf kennee jira, Waaqa Abbaa malee Ilma ka beeku eennu'llee hin jiru. Akkuma kana Ilma malee Waaqa Abbaa ka beeku hin jiru, eennu'llee Ilmi yoo isaa ibiseef malee Waaqa Abbaa beeku'uuf hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.