Matthew 11:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, “Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kaani yaanaani, Yesoni waan Yohana biyyati dubbate waan jed'e, Lafa gamooji keesa maani daawachu d'at'ani? Ilaadu qilleensi tabsiisu wo taate?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kaan yaanaan, Yesus waan Yoh. aannisii biyyatti dubbatee, “Lafa gammoojjii keessa maan daawachuu dhaxxan? Illaadduu qilleensii taphsiisuu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe; «Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Ooyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin, Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe. Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Oyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamoonni Yohaannisii eega deemaniin duubatti, Yesus waayee Yohaannisii akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, «Haa ta'u malee maal laalu'uuf gara gammoojji'ii baatan? Ooyyaa leemmanii ka bubbe'een sosocho'u laalu'uuf moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?