Matthew 12:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni, Yesoni guyya Sabato oobru dargaye keesa dabarraani, jari isaa beelae, jennaani mid'aani t'ururate nyaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara sun, Yesus guyyaa Sanbataa oobruu dargaayyee tokko keessa dabre, jarii isaa beela'ee jennaan midhaan xuruuratee nyaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa Sambataatiin Yesuus uduu maasaa keessa lufa'aaru darasoonni isaa waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa Sambata diqqa'aatiin uduu Yesuus maasaa keessa lufa'aaru, Barattoonni isaallee waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesus Guyyaa Sanbbataatiin qonna qamadi'ii keessan ni dabrraayyu ture, barattoonni isaa'llee beelayanii waan turaniif asheeta qamadi'ii muranii sukkumanii nyaachuu jala ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane.